Waayee Sooma Ramadaanaa
Murtii Sooma Ramadaanaa
1-Yoom soomuu qabna?

Waa lama keessaa tokko yoo argame soomuun dirqama:

A. Baatiin Ramadaan argamuu.             

B. Jiini Sha'abaan guutamuu soddoma.

2- Salaata taraawihaa salaatuun dirqamaa?

Salaanni Taraawihaa Sunnaa, dirqamaamiti, garuu taraawiha salaatuun ajri guddoo qabdi, araarama dilii tantee hundaa siif taati.

3- Yaroo lama witrii salaatuu ni dandayaa?

Halkan tokko keessa witri tokko qofattu jira, kanaafuu lama salaatuun hin gayu, yoo imaama wajjiin witrii salaatte eegasii halkan gama boodatti kaatee salaatuu barbaadde siif gaya garuu lama lamaan oofta haga boodatti.( لا وتران في ليلة )

4- Dubatii dhaaf ni hayamamaa salaata taraawihaa masjidatti salaatuun?

ee.

5-Maaltu sooma caphsa (balleesa)?

Tokkoo waa jahattu balleesa sooma:

A-Dhiira fi Dubartiin wajjiin rafuu(walitti gayuu)

B- Nyaataa fi Dhugaatii.                                      

C- Waan nyaata fi dhugaati irraa si duroomsu.     

D- If diddigsuu.                                                    

E- Dhiiga Aadaa fi dhiiga dayiinsaa (dubarti)        

F- Jigsaa (shahwaa) if irraa fiduu.                       

6- Utubaan (rukni) soomaa hagam?

Soomni utubaa lama qofaa qaba, sunis:

A. Niyyaa, Bor soomaa yaaduu.                      

B.If tiksuu waan sooma balleesu hunda irraa.

 
 
Contact Us
Waldaya Ramadaanaa
Forum

Dubbisi (Barruu)

Fadlii Sooma Ramadaanaa
Murtii Soomaa
Dogoggora
Murtii iidaa
 
 
Obboloowwan Muslimaa Ramadaan Mubaarak

Keyrii facaasuu dhaaf Waldaya Ramadaanaa     irraa qooda fudhadha

 

AsTuqi